(incubating) | The Free and Open Productivity Suite

Projektii Biyyoomsa  OpenOffice.org Afaan Oromoo

 

OpenOffice.org Afaan Oromoo sirna mosajjii ofiisii madda-banaa barruu hujeessuuf, wardiiwwaniif, dhiheessaaf, fakkasaaf, kuusdeetaafi kan kana fakkaataniif fayyadudha. Mosajjiin kun deetaa kee mara dhangii waaltinaa madda-banaa addunyaatiin siif olkaa'uu dabalatee mosajjiiwwan ofiisii baratamoorraa faayiloota dubbisuufi barreessuu ni danda'a. Sirna Afaan Oromooo hojjetame kana guutumaan guutuutti baasii malee buufattee itti fayyadamuu ni dandeessa. Sirni kunis kan biyyoome Dhaabbata Dambii Treediingiitiini.

OpenOffice.org Afan Oromo 3.2 addana cuqaasuun buufachuu ni dandeessa

Birkiilee Afaanii kan akka to'ataaQubeeffannoo(spellchecker), moggoolee(synonyms) addana cuqaasuun buufachuu ni dandeessa. Ittaansuun faayilii buufame cuunfuudhaan(by extracting) Nadubbisii laatameen gargaaramuun birkiilee kana OpenOffice.org Afan Oromo 3.2 irratti fe'achuun itti maayii bahuu ni dandeessa.

 

Mosajjiin kun kan fayyadu:

  • Waajjiraalee Mootummaaf
  • Barnootaaf
  • Daldalaaf
  • Hojiilee Teeknoolojii Odeeffannoof

Mosajjii guddaa

OpenOffice.org Afan Oromoo bu'aa Sooftiweer Injinariingii kan waggaa 20 oliiti. Kunis wanta sirni ofiisii tokko akka siif hojjetu barbaaddu kamiyyuu, haala barbaaddeen, guutumaan guutuutti Afaan Oromootiin siif hojjeta.

 

Fayyadamaaf salphaa

OpenOffice.org Afaan Oromoo barachuuf salphaafi sirna ofiisii biraa kan fayyadamaa jirtu yoo tahe gara sirna kanaatti madaquun salphaadha. Faayiloota sirna ofiisii biroo yoo qabaatte, openOffice.org Afaan Oromoo rakkoo tokko malee siif dubbisa.

Bilisa

Waa hundarraa, OpenOffice.org Afaan Oromoo baasii tokko malee buufattee itti fayyadamuu dandeessa. OpenOffice.org Afaan Oromoo hayyamtaa LGPLtiin gadhiifama. Kana jechuun faayidaa kamiifiyyuu itti fayyadamuu dandeessa.

 

 


Apache OpenOffice is an effort undergoing incubation at The Apache Software Foundation (ASF), sponsored by the Apache Incubator. Incubation is required of all newly accepted projects until a further review indicates that the infrastructure, communications, and decision making process have stabilized in a manner consistent with other successful ASF projects. While incubation status is not necessarily a reflection of the completeness or stability of the code, it does indicate that the project has yet to be fully endorsed by the ASF.

Copyright & License
Apache and the Apache feather logos are trademarks of The Apache Software Foundation. OpenOffice.org and the seagull logo are registered trademarks of The Apache Software Foundation. Other names appearing on the site may be trademarks of their respective owners.